header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Lammiileen biyyoota Awrooppaa hedduu dararaa mootummaan Chaayinaa Muslimoota biyyattii irratti raawwatu balaaffetuun mormii geggeessan

Chaayinaan yeroo dhihoo asitti dhiibbaa muslimoota biyyattii irratti raawwattu hammeessitee kan  itti fufte yoo tahu, keessummattu kutaa biyyatti Zinjiyaang jedhamu keessatti muslimoota Wiigar irratti xiyyeeffatuun,  qajeelfamoota mirga amantaa dhiiban baasuu dabalatee dararaawwan gara garaa raawwataa jirti.

 

Dararaa Chaayinaan muslimoota irratti raawwataa jirtu kana dhaabbileen mirga namoomaa fi miidiyaaleen addunyaa yeroo gara garaatti kan saaxilaa turan yoo tahu, amma ammoo lammiileen biyyoota addunyaa gocha Chaayinaa kana balaaleffatuun magaalota heddu keessatti hiriira mormii geggeessaa jiran.

 

Haaluma kanaan guyyaa hardhaa lammiileen  Jarman qonsilaa Chaayinaa magaalaa Dusseldorf keessatti argamu afotti hiriira mormii geggeessanii jiru. Hiriirri kun waldaa muslimoota Jarmaniin kan durfame yoo tahu, dursaan waldaa kanaa Kamaal Ergun yaada kenneen, “Chaayinaa keessatti muslimoonni dirqama amantaa isaanii kanneen akka salaataa fi soomanaa raawwachuu ni dhoorkamu, daa’immanii fi hojjattoonni mootummaa masjiida dhaquus tahee mana isaanitti salaatuun dhoorkaadha, mootummoonni addunyaa dhimmicha hubatanii Chaayinaa irra qoqqobbii cimaa akka kaahan dhiibbaa godhuuf hariira kana yaamne”jechuun Anaadooluu Niiwusitti hime.

 

Haaluma wal fakkaatuun Alhada har’aa achuma Jarman magaalota Berlin fi Frankfurt, Denmark-Kopehagan,  Neezarlaands magaalaa Den Haag, Ostriyaa-Viyeenaa fi England keessattis qonsilaa Chaayinaa fuul duratti mormiin geggeeffamee jira. Mormiin kun hanga February 5/2019tti magaalota gurguddoo Ardiilee Awurooppaa, Awustiraaliyaa fi Ameerikaa kanneen akka London, Paris, New York fi Melbourne keessatti kan itti fufu tahuu gabaafame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button