header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Korri 32ffaa hoggantoota Gamtaa Afrikaa galma walga’ii gamtichaa keessatti jalqabame

Kora 32ffaa hoggantoota Gamtaa Afrikaa har’a magaalaa Finfinnee galma walga’ii gamtichaa keessaati jalqabame kana irratti, prezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagamee aangoo dura taa’ummaa gamtichaa prezdaantii Masri Abdulfattaah Al Sisi’f dabarsee jira. Haaluma kanaan prezdaant Al Sisiin waggoota lamaan itti aanaan keessatti dura taa’aa gamtichaa tahuun  tajaajila.

 

Gama birootiin ammoo muummchi ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Prezdaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi  Prezdaant Gaanaa Nana Akufo Ado fi dura taa’aa Komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii waliin tahuun Siidaa Atsee Hayilassillaasee mooraa Waajjira Gamtaa Afrikaa keessatti ijaarame kan eebbisiise yoo tahu, namoonni heddu hogganaa biyyattii duraanii ummata sabaa fi amantiin qoqqoodee gidiraa raawwachuun beekkamuuf Siidaa dhaabuun sirrii miti jechuun mormaa jiran.

 

Haa ta’u malee Dr Abiy Ahmad torbaan lama dura dhimmicha irratti yaada kenneen, Atsee Hayilassilaaseen hundeeffama gamtaa Afrikaa keessatti nama gahee adda durummaa qabu waan taheef siidaan yaadannoo kun dhaabbatuun kan isa gammachiise tahuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button