Helikoptarri waraana Ityoophiyaa takka kutaa Abiye keessatti kufuun loltoonni Sadi du’an
Halikoptarri waraana Ityoophiyaa ergama dhaabbata mootummoota gamtoonii raawwachuuf, kutaa Abiye magaalaa Kadugli jedhamtu irraa loltoota 23 fe’attee gara Abiye imalaa turte kufuun loltoonni 3 battalumatti kan du’an yoo tahu, 10 ammoo kan madaayan tahuu gabaafame.
Dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti hogganaan loltoota Ityoophiyaa Abiye keessatti argamanii Meejar Jeneraal Gebree Adhana Woldazgu akka jedhetti, loltoota miidhaan cimaan irra gahe wal-dhaansaaf gara Finfinnee kan ergaman akka taheefi, kanneen miidhaan salphaan muudate ammoo achuma hospitaala magaalaa Kadugli keessatti kan yaalamaa jiran tahuu hime. Hogganaan loltoota Ityoophiyaa sababni balaa kanaa qoratamaa jira jechuun alatti wanti ibse hin jiru.
Gama birootiin ammoo reeffi loltoota balaa kanaan du’anii har’a waaree booda gara Finfinnee kan ergame tahuun beekameera.
Kutaan Abiye lafa Suudaan kibbaa fi Suudan kaabaa irratti wal dhaban yoo taatu, walii galtee bara 2004 mallatteeffameen bulchiinsa addaa tahuun too’annaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti argamti. Kutaa Abiye Keessatti nageenya kabachiisuuf loltoota UN bobbaase jidduu 4,500 loltoota Ityoophiyaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.