header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Prezdaantiin Falasxiin Mahmuud Abbaas Riyaad keessatti Malik Salmaan waliin mari’atuu gabaafame

Prezdaantiin Falasxiin Mahmuuda Abbaas Kiibxata har’aa gara Riyaaditti imaluun, Malik Salmaan waliin haal Al-Quds keessa jiruu fi dararaa Israa’el dhiheenya kana Falasxiinota irratti hammeessite ilaalchisee kan mari’ate tahuu ejensiin Odeeyfannoo Falasxiin gabaase.

 

Akka gabaasa kanaatti, hoggantoonni lamaan wal dhabbii Falasxiin fi Israa’el jidduu jiru ilaalchiisee wixinee “walii galtee nageenyaa”Ameerikaan qopheessaa jirtu irrattis kan mari’atan tahuu gabaafame. Wixinee waliigaltee nageenyaa Ameerikaan qopheessaa jirtu kana bulchiinsi Falasxiin “kan loogiin guutamee fi fedhii Israa’el qofa irratti kan hundaaye”jechuun gamanumaa kan hin fudhanne tahuu ibsaa jira. Haata’u malee mootummaan Sa’uudii  wixinee kana dhoksaan kan deeggaru tahuu miidiyaaleen gabaasaa turan.

 

Ameerikaan xumura bara 2017 keessa Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Israa’el jechuun eega labsitee booda, bulchiinsi Falasxiin dhimma nageenya naannichaa irratti Jaarsummaa Ameerikaa tokkollee kan hin fudhanne tahuu ibsuun isaa ni yaadatama. Israa’el bara 1967 Al-Quds humnaan eega qabattee booda, Falasxiinota dachii isaanii irraa buqqiisuun qubsuma Yahuudotaa seeraan ala tahe kan babal’isaa jirtu tahuun ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button