header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Araara ABO fi Mootummaa raawwachiisuuf dhaabbate Ibsa kenne

Koreen Araaraa ABO fi mootummaa raawwachiisuuf hundeeffame, adeemsi raawwii hidhattoota ABO-shanee hiikkachiisuu maal irra akka jiru galagala kana ibsa miidiyaaf kennee jira. Koreen ibsa kanaan akka jedhetti, hoggantoota ABO fi Mootummaa waliin marii geggeessaa turuu fi amma hujii itti kenname gara xumuraatti dhiyaatuu ibse.
Walitti qabaan Koree kanaa Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sanbatoo akka jedhetti:
“Koreen Araaraa hujii isaa gara Xummuruutti gahaa jira, guyyaa boruu irraa gara godinaalee Oromiyaa gara garaatti bobba’uun hidhattoota ABO waliin marii ni jalqaba ” jedhe.

Hogganaan ABO Obbo Daawud Ibsaa gama isaatiin:
“Waraanni Bilisummaa Oromoo, qajeelfama Abbootii Gadaa irraa itti kennamu fudhatuun hojii irra akka oolchu dhaamanna”jedhe.

Koreen Kun Gurraandhala 12-14/2011 iddoo Hidhattoonni ABO itti argaman mara dhaquun ummata waliin eega simatee booda, waraanni iddoo qopha’eefitti kan galfamu tahuu ibsame­.
#Koree_Araara

3 Comments

  1. Sagantaan keessaan gaariidha haa ta’uu malee tamsaasa kallatti dhabuun keessan baay’ee boodaatii isin hambisee

  2. Rabbin tokko nuhaataasisu tokkumma dhabuu keenyatu nama gad-nutaasise biyya abbattille tufatamne nama gad taane jiraacha jirra biyya adunyaa tanara biyya akka biyya teenya tufatamtu arge hin dhagenye

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button