Bulchiinsi magaalaa Sandaafaa dhimma masjiida Ansaar irratti mari’achuuf qophii tahuu beeksise
Masjiidni Ansaar kan magaalaa Sandaafaa ganda 03tti argamu hanga Isniina har’aatti akka diigamu ajajni jedhu bulchiinsa magaalaa Sandaafaa irraa akka baheefi, xalayaan masjiidni akka diigamu ibsu kun masjiidicha irratti maxxanfamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hawaasni muslimaa masjiidota iddoo gara garaatti diigamaa jiraniin dallane har’a ganama irraa kaasee gara masjiida Ansaar imaluun, masjiidicha keessatti qur’aana qara’aa kara nagayatiin adeemsa seeraan ala masjiida diiguuf karoorfame kana hordofaa kan oole tahuu gabaafame. Haaluma kanaan zuhrii dura poolisoonni magaalatti gara masjiida Ansaar dhufuun dallansuu ummataa eega arganii booda, qaama dhimmi ilaallatu waliin waaree booda deebina jechuun ofirra kan gara galan tahuun beekameera.
Waaree booda ammoo bulchiinsi magaalaa fi qaamoleen seeraa gara masjiidaa dhufuun koree waliin dhimma masjiida Ansaar irratti mari’achuuf qophii tahuu ibsuun, hawaasa muslimaa tasgabbeessanii kan deebi’an tahuu koree masjiida Ansaar keessa namni bilbilaan dubbisne nuuf hime.