header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Harargee Lixaa keessatti namoota amantaa dawoo godhatuun hawaasa jeeqaa turan irratti adabbiin hidhaa waggaa lamaa murteeffame

Godina Harargee lixaatti manni murtii aanaa Odaa Bultum dhaddacha guyyaa har’aa ooleen, garee amantaa Waaqeffannaa dawoo godhatuun hawaasa magaalaa Baddeeysaa fi naannawa isii jiraatu jeeqaa ture jidduu,  namoota lama irratti adabbii hidhaa kan murteesse tahuun beekameera.

 

Aanicha keessatti gareen amantaa waaqeffannaa hordofna jedhu kun,  hawaasni naannichaa amantaa nuti hordofnuun alatti kan biroo hordofuu hin qabu jechuun, jibbiinsa amantaa Islaamaa fi amantaalee biroo ifatti lallabuun ummata jeequmsaaf kakaasuu isaa hordofuun, hawaasni muslimaa yakka maqa balleessii fi amantaa arrabsuutiin namoota kana irratti himannaa  dhiheesse ture. Haaluma kanaan manni murtichaa dhimmicha ilaalaa ture ragaalee dhihaateef eega qoratee  booda, namoota 2 irratti hidhaa waggaa lamaa kan murteesse tahuu gabaafame.

 

Namoonni kunniin hawaasa muslimaa nagayaa fi jaalalaan beekkamutti dhaquun Islaamummaa arrabsaa kan turan akka taheefi,  “Masjiida keessan dirqiin fudhannee galma godhanna, amantiin Islamaa biyya Arabaatti deebi’uu qaba, kan Kiristaanaatis Israa’elitti deebi’uu qaba”jechuun ummata kan shororkeessaa turan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Namoonni adabbiin hidhaan itti murteeffame kunniin Bulee Alii Musaa fi Kaalid Gadaa kan jedhaman tahuun beekameera.

 

Hawaasni muslimaa, yakki namoonni kun raawwatanii fi  adabbiin itti murteeffame kan wal hin madaalle tahuu ibsuun,  ol iyyaannoo dhiheeffatuuf qophiirra kan jiran tahuu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button