OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Sheikh Muhammad Huseen Qumbii Magaalaa Itayyaatti qubsiifaman
Aalimni guddaan biyya keenyaa naannawa Adaabbaatti barattoota ilmii heddu barsiisaa turan Sheikh Muhammad Huseen Qumbii, guyyaa kaleessaa godina Arsii Aanaa Heexosaa magaalaa Itayyaatti barattoota 500 waliin qubsiifaman.
Simannaa Aaliima keenya guddaa Sheikh Muhammad Huseen Qumbii fi barattoota isaanii kana irratti keessummoonni heddu iddoo gara garaa irra kan dhufan yoo tahu, hawaasni muslimaa naannichaatis simannaa kana irratti argamuun deeggarsa adda addaatis kan godhe tahuu gabaafame.