header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan daaw’annaa biyyoota Eeshiyaa keessatti geggeessaa jiru itti fufuun har’a Beejing seene

Dhaaltuun Gonfoo Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan daaw’annaa hujii biyyoota Eeshiyaa keessatti geggeessaa jiru itti fufuun, har’a Chaayinaa magaalaa Beejiing seenee jira. Bin Salmaan daaw’annaa guyyaa lamaaf Chaayinaa keessatti geggeessu kanaan, Prezdaant Jin Ping waliin dhimmoota boba’aa, investimentii fi daldalaa irratti kan waliin mari’atu tahuu gabaafame.

Hoggantoonni lamaan ijaarsa daandii guddaa Chaayinaan karoorfatte, kan biyyoota  Kibba Eeshiyaa heddu qaxxaamuruun Sa’uudii irraan gara Baha Afrikaa cehu ilaalchisee bal’inaan  mari’achuuf kan karoorfatan tahuun beekamee jira.

 

Muhammad Bin Salmaan jalqaba torbaan kanaa Paakistaan fi Indiyaa daaw’achuun hoggantoota biyyoota lamaanii waliin walii galteewwan heddu kan mallatteesse yoo tahu, Isniina dabre Islaamabaad keessati prezdaant Imran Khan waliin eega mari’atee booda,  mootummaan Sa’uudii doolaara Biiliyoona 20 kan Paakistaan keessatti  investimentii adda addaatiif oolu kennuuf walii galtee kan mallatteessan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa Niwudelhii keessatti prezdaantiin Indiyaa Narendiraa Modi  fi Muhammad Bin Salman waalii galteewwan daldalaa fi Investimantii Doolaara Biiliyoona 100 ol tahu kan mallatteessan tahuu gabaafame. Dabalataanis Bin Salmaan lammiilee Pakistaan 2100 fi lammiilee Indiyaa 850 kanneen mana hidhaa Sa’uudii keessa jiran gad lakkisuuf waadaa galee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button