header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hariiroon Paakistaan fi Indiyaa hammaataa dhufuun,  walitti gaarrifannaa waraanaa irra gahuu gabaafame

Torbee dabre kutaa Kaashimiir keessatti haleellaa hidhattoonni  raawwataniin loltoonni Indiyaa 42 eega ajjeefamanii booda, mootummaan Indiyaa hidhattoonni haleellaa kana raawwatan Paakistaaniin deeggaraman jechuun yakkite. Indiyaan ajjeechaa loltoota isii irratti raawwatame kanaaf deebisaa “qarriffaa diinaa cabsuun”haloo kan baatu tahuu dhaadatte.

 

Mootummaan Paakistaan gama isaatiin haleellaa kana keessaa harka kan hin qabne tahuu ibsuun, “balaan kun kan muudate dachii Kaashimiir humnaan qabatte keessatti dararaa Indiyaan raawwataa jirtuun kan wal qabatu”jechuun qeeqxe.  Kanuma hordofuun mootummaan Indiyaa hariiroo daldalaa fi diinagdee dabalatee wal qunnamtii Paakistaan waliin qabdu hunda addaan kutuu labsite. Dabalataanis laggeen Indiyaa irraa gara Paakistaan yaa’an kan hiitu tahuu akeekkachiiste. Kana malees waraanni Indiyaa daangaa Paakistaan irratti humna dabalataa kan gurmeessaa jiru tahuu gabaafame.

 

Khamiisaa kaleessaa ammoo muummichi ministeeraa Paakistaan Imran Khan sochii Indiyaa irratti kaabinee isaa waliin eega mari’atee booda, haleellaa Indiyaa irraa aggaamamuu maluuf waraanni biyyattii humna guutuun deebisaa kennuuf qophii akka tahu ajaje. Kanuma hordofuun dubbi himaan waraana Paakistaan ibsa Jum’aa hardhaa kenneen, “lola jalqabuudhaaf fedhii tokkollee hin qabnu, haata’u malee haleellaa Indiyaa irraa nurratti yaalamu hundaaf deebisaa isaan gaabbisiisu kennuuf qophoofneerra”jedhe.

 

Walitti gaarrifannaan biyyoota humna Niwukilarii hidhatan lamaanii kun, naannicha sodaa hamaa keessa kan galche tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

Indiyaa fi Paakistaan kutaa Kaashimiir irratti waggoota 70 oliif kan walitti bu’aa turan yoo tahu, lola hamaa yeroo sadi biyyoota lamaan jiddutti geggeeffame keessa lama dhimma Kaashimiir irratti tahuun ni beekama.  Paakistaan bara 1947 Indiyaa irraa eega fottoqxee booda, naannoon Kaashimiir humnaan bakka lamatti kan qoodame yoo tahu, ummanni Kaashimiir gama lamaan jiru, Paakistaan waliin walitti makamuu yookaan ammoo biyya Kaahimiir walaba taate hundeefachuuf kan falmataa jiru tahuu odeeyfannoon ni  ibsa.

 

Haleellaa Kaashimiir

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button