header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaant Erdogaan ajjeechaan mootummaan Masri dargaggoota irratti raawwate kan isa dallansiise tahuu hime

Mootummaan Masri , ajjeechaa bara 2015 Abbaa Alngaa biyyatti Hishaam Barakaat irratti raawwatame keessaa harka qaban jechuun, Arba’aa dabre dargaggoota sagal du’aan kan adabe yoo tahu, prezdaant Erdogaan murtiin Masri kun kan isa dallansiise tahuu hime.

 

Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan yaada Televiziyoona biyyatti irratti ibsa kenneen, Prezdaantii Masrii irraa affeerraan marii kan dhihaateef tahuu ibsuun, mootummaan Masri hidhamtoota Siyaasaa manneen hidhaa keessatti dararaa jiru hunda yoo kan hin lakkifne tahe, Prezdaant  Al Siisii waliin kan hin mari’anne tahuu hime.

 

Erdogaan akka jedhetti, “Abdulfattaah Al-Siisii prezdaantii ummanni Masrii karaa dimokraatawaa taheen filate fonqolchuun nama taayitaa qabate tahuu isaa ni beekna,  Prezdaantiin Masri kan dhugaa Muhammad Mursii fi deeggartoonni isaa kumaatamaan lakkaahaman ammas mana hidhaa keessatti dararamaa jiran”jedhe.  Prezdaant Erdogaan itti dabaluudhaanis, ummanni Turkiyaa jaalala guddaa fi michooma jabaa ummata Masriitiif kan qabu tahuu ibsuun, mootummaan Turkiyaatis ummata masrii malee nama abba irree akka Al-Sisi waliin michooma tokkollee kan hin barbaadne tahuu hime.

Erdogaan yaada isaa itti fufuun, “biyyootni har’a Al-Sisii deeggaraa jiran hundi, warra fonqolcha bara 2013 prezdaant Muhammad Mursii irratti raawwatame qindeessan tahuu isaanii ni beekna, eega Al-Siisiin humnaan taayitaa qabatee asitti, ajjeechaa ammaa kanaan duras deeggartoonni Mursi 42 murtii dharaatiin fannifamanii jiru, kun yakka dhala namaa irratti raawwatame tahee osoo jiru, biyyoonni Lixaa dunuunfatanii Al Sisii deeggaruu itti fufanii jiru” jechuun qeeqe. Warra Al Sisii waliin tahuun yakka kana deeggaran hunda seenaan isaan irratti raga baha jechuun dubbate.

Erdogan

4 Comments

  1. السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

    ummata Midiyaa RNH waanuma jenne isiniin ibsinu dhabne Rabbin fuula keessan duraa isiniif haaibsu
    maal Rabbin Keenya osoo mootumma akka Erdoogan kana Ummata muslimaaf baayise ammalee mottummaa akka isaa kana Rabbin nuuf haabayisu jenne Rabbi jala harka qabanna

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button