header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Tramp fi Kim Jong-Un marii Vetnaam keessatti jalqaban osoo hin xumurin gara biyyoota isaaniitti deebi’uu gabaafame

Prezdaantiin Ameerikaa Donald Tramp fi hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un,  dhimma sagantaa Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa irratti marii Vetnaam magaalaa Hanooy keessatti kaleessa jalqaban, walii galtee tokko malee kan addaan kutan tahuu gabaafame.  Hoggantoonni lamaan sagantaa marii osoo hin xumurin gara dhufanitti kan deebi’an yoo tahu, Tramp akkuma mariin addaan citeen yaada kenneen “Mootummaan Kooriyaa Kaabaa uggurri irra kaahame hundi akka irraa ka’u barbaada, nuti ammoo kana fudhachuu hin dandeenyu, kanaafuu maricha walii galtee tokkoon malee jiddutti addaan kunnee jirra”jedhe.

 

Haaluma walfakkaatuun Waayithaawus ibsa baaseen, “Hoggantoonni lamaan dhimmoota sagantaan Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa fi diinagdee biyyattii deeggaruu irratti bal’inaan kan mari’atan tahus walii galtee irra gahuu hin dandeenye.  Haata’u malee sadarkaa qondaaltota ol’aanootti fuulduraaf mariin kan itti fufu taha”jechuun beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button