header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen  namoonni  heddu ajjeefamuu gabaafame

Haleellaa halkan edaa magaalaa Maqdishoo naannawa manneen daldalaa fi hoteelonni itti baay’atanitti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 29  kan ajjeefaman tahuu Poolisiin biyyattii ibse.  Hidhattoonni hoteela qondaaltonni mootummaa yeroo heddu itti tajaajilaman weeraruun boombii eega dhoosanii booda dhukaasa kan banan yoo tahu,  hanga ganama har’atti magaalaa Maqdishoo naannawa heddu keessatti dhukaasni meeshaalee waraanaa gurgudda kan dhagahamaa ture tahuu gabaafame.

 

Qondaalli Poolisii magaalaa Maqdishoo Muusaa Ali Rooytersiif akka himetti,  namoota ajjeefaman jidduu siviilotaa fi loltoonni mootummaa kan keessatti argaman tahuu hime. Namoota ajjeefamaniin alattis  namoonni 80 ol madaayanii waldhaanamaa jiraatuu qondaaltonni fayyaa biyyattii beeksisan.

Haleellaa Maqdishoo11

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button