Prezdaantiin Suudaan Umar Al-Bashiir taayitaa dura taa’ummaa paartii isaa gad lakkise

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir dura taa’aa Paartii Kongirasii Biyyoolessaa fi prezdaantii Suudaan tahuun yeroo dheeraaf biyyattii kan hogganaa ture yoo tahu, mormii ummataa biyyattii keessatti hammaataa dhufe hordofuun filannoo bara dhufuu booda taayitaa prezdaantummaa kan lakkisu tahuu ibsuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Prezdaant Umar Al-Bashiir taayitaa dura taa’ummaa Paartii isaa guyyaa har’aa itti aanaa isaa Ahmad Muhammad Haaruunitti dabarsee jira.
Paartiin Kongirasii Biyyoolessa Suudaan ibsa baaseen akka jedhetti, hanga paartichi yaa’ii geggeessutti Mr Ahmad Muhammad Haaruun partii kan hogganu tahuu beeksise.
Al-Bashiir mormii isarratti ka’e dhaabsisuuf torbee dabre labsii yeroo muddamaa waggaa tokko turu labsuun, mootummaan federaalaa fi naannoolee diigee biyyattii to’annaa mana marii prezdaantichaan hogganamu jalatti deebisee ture. Haata’u malee ammas nannolee muraasa keessatti mormiin kan itti fufe tahuu odeeyfannoon ni ibsa.