header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gamtaan Ulamaa’ota Oromoo magaalaa Makkaa fi Waldaan Minbaruu Da’awaa haala yeroo irratti ibsa baasan

Gamtaan Ulamaa’ota Oromoo Magaalaa kabajamtuu Makkaa keessa jiruu fi waldaan Minbaruu Da’awaa ganama hardhaa haala yeroo biyya keenyaa  irratti ibsa ijjannoo kan baasan yoo tahu, ibsa isaanii kana irratti jijjiirama Siyaasaa yeroo ammaa biyya keessa jiru kan deeggaran tahuu beeksisan.  Waldaaleen lama ibsa isaanii kanaan, yakkoota iddoowwan amantaa irratti raawwatamu fi qaamota amantaa dawoo godhatuun hawaasa walitti buusuuf deeman kan balaaleeffatan tahuu, akkasumas qaamolee gocha kana raawwatan mootummaan tarkaanfii irratti akka fudhatu gaafatan.

 

Dabalataanis koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa saglan muummicha ministeeraatiin hundeeffame kan deeggaran tahuu fi mootummaan immoo koree kanaaf haala akka mijeessu  gaafatan.

 

Ulamaa’ota fi miseensota ibsa kana baasan jidduu:

 

  1. Sheik Gazaalii Haaj Xaahaa
  2. Sheik Huseen Haaj Aadam
  3. Sheik Umar Maammaa
  4. Sheik Adnaan Haaj Ya’iquub
  5. Sheik Umar haaj AbdaaAhmad-aarif Muhammad
  6. Aliyyii Haaj Huseen
  7. Sheik Xaaluut Sheik Tamaam kan keessatti argaman tahuu beekameera.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button