header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriirri mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti itti fufee jira

Carraa manneen Kondominiyeemii bulchiinsi magaalaa Finfinnee baase hordofuun,  magaaloota Godinaalee Oromiyaa gara garaa Keessatti hiriirri cimaan geggeeffamaa jira. Hiriira kana irratti ummanni, “mootummaan naannoo Oromoyaa daangaa Finfinnee akka sararu, bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen daangaa cehuun ijaare seeraan ala waan tahaniif Oromiyaa jalatti akka galan”dhaadannoowwan jedhan kan dhageessisaa jiran tahuu beekameera.

 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hiriira kana hordofuun guyyaa kaleessaa ibsa baaseen, carraan bahe akka hojjii irra hin oolle kan hojjatu tahuu ibsus,  ummanni dhaadannoo dhageessisaa jiru kana irratti ibsa osoo hin taane hojii qabatamaa arguu kan barbaadu tahuu ibsaa jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button