header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen dhimma daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa qoratee yaada furmaataa dhiyeessu hundaayuu gabaafame

Waajjirri Muummicha Ministeeraa ibsa baaseen, Kanaan dura koreen qorannaa dhimma daangaa Finfinnee fi Ormiyaa bulchiinsa gama lamaanii irraa hundaayee kan ture tahus, dhimmicha furuun waan hin danda’aminiif gaaffin daangaa ammas itti fufeera jechuun beeksise. Dabalataanis gaaffiin daangaa kun furmaata osoo hin argatin, manneen kondomiiniyeemii carraadhaan dabarfamuun mormii kaasee jira jedhe.

 

Kanuma hordofuun rakkoo daangaa kanaaf furmaata waaraa tahe kennuuf  mootummaa federaalaa, Oromiyaa fi Finfinnee irraa koreen miseensota 8 qabu kan ijaarame tahuu ibsi waajjirichaa kun ni addeessa. Gaheen koree kanaa rakkoo daangaa Oromiyaa fi Finfinnee jidduu jiru qoratuun yaada furmaataa  dhiyeessuu akka tahe ibsame.

 

Miseensonni Koree kanaa:

  1. Aadde Mufaariyaat Kaamiil -walitti qabduu korichaa
  2. Aadde Xayyibaa Hasan -miseensa
  3. Obbo Ahmad Tusaa-miseensa
  4. Dr. Girmaa Amantee-miseensa
  5. Injinar Taakkalaa Uumaa-miseensa

6.Obbo Indaawwaq Abbixee-miseensa

  1. Dr. Salamoon Kidaanee-miseensa
  2. Obbo Tasfaayee Beeljigee-miseensa ta’uudhan kan filataman tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button