header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Makkalaakayaa Misirroota lama dabalatee lubbuu nama 5 galaafatan adabaman

Loltoonni makkalaakayaa ji’a dabre keessa Godina Booranaa aanaa Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti namoota sirna cidhaa irra turan irratti dhukaasuun, misirroota lamaan dabalatee nama 5 ajjeessuu fi nama lama ammoo madeessuun ni yaadatama. Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa gocha kana raawwatan to’annaa jala eega oolfamanii booda badii isaanii amanuun dhimmi isaanii akka aadaa naannichaatti akka ilaalamuuf gaafatanii turan.

Haaluma kanaan guyyaa hardhaa manguddoon naannichaa dubbii eega ilaalanii booda, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa yakka kana raawwatan lamaan, namoota ajjeeffaamaniif baasii awwaalchaa birrii 10,000 akka kafalan, akkasumas namoota midhamaniif birrii 5000 eega kaffalchiisanii booda, gumaa namoota shanan ajjeefamanii immoo lubbuu namaa tokkootiif birrii 90,000 akkasumas namoota madaa’aan lamaaniif immoo birrii 25,000 akka kennan kan murteessan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

One Comment

  1. as wr wb?
    Odeeffannoo nu biraan gahuu keessaniif galatoomaa.
    garuu lubbuu nama tokkoo mallaqaan hin bitamtu? waan heddu nama gaddisiisudha .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button