header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp xiyyaaronni Boeing737- Max  hundi hujii akka dhaabu ajaja dabarse

Alhada darbe naannoo Shawaa Bahaa aanaa Gimbichuutti xiyyaarri Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Boeing 737 Max 8 kufee lubbuu namoota 157 ega galaafatee booda,biyyoonni heddu xiyyaari gosa kanaa hujii akka dhaabu godhanii jiru. Jalqaba irratti dhaabbannii Ameerikaan  xiyyaarota kana hujii dhaabsisuuf rincicee kan ture tahus, Prezdaant Traamp har’a ganama xiyyaaronni modeelii Boeing 737 Max 8 fi Boeing 737 Max 9 hanga qorannoon gahaan geggeeffamutti tajaajila akka dhaaban jechuun ajaja dabarse.

 

Dhaabbanni Aviyeeshinii Federaala Ameerikaa (AFA) ibsa baaseen akka jedhetti, ragalee bakka xiyyaarri Ityoophiyaa  itti kufe irraa argamanii fi ragaa saatalaayitii irraa argameen murtii xiyyaarota kana hujii dhaabsisuu irra kan gahe tahuu ibse. Haaluma kanaan, xiyyaarichi tajaajila akka dhaabuu fi daangaa naannoo qilleensaa biyyattiirra akka hin imalle kun murtaaye tahuu beeksise.

 

Hanga ammaattis Ityoophiyaa, Ameerikaa, Kanaadaa, Chaayinaa, Briitaaniyaa, Faransaay, Jarman, Awustiraaliyaa, Indiyaa, Biyyoota Gamtaa Awrooppaa, Braaziil, Noorweey, Indoneezhiyaa fi Maaleezhiyaan xiyyaarichi tajajaila akka dhaabu murtee dabarsaniiru.

 

Odeeyfannoo wal qabateen Ityoophiyaan maashina galmee imala xiyyaaraa (Flight data Recorder) jedhamu qorannoof gara Faransaay kan ergite tahuu gabaafame. Ameerikaan maashinicha biyya isiitti qoratuuf gaaffii dhiheessitus mootummaan Ityoophiyaa kan dide tahu odeeyfannoon ni ibsa.

 

 

2 Comments

  1. hundi keessanuu galatooma !!
    1,dhiiraa fi dhalaan harka wal fuudhun haraama akka ta,e qaceellotti barsiisaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button