OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Aalimni biyya Keenyaa Guddaan Dr Jeylaan Khadiir Konkolaataa badhaafaman

Aalimni biyya keenyaa guddaan Dr Jeylaan Khadiir hanga har’aatti Makiinaa ittiin socho’an kan hin qabne yoo tahu, daldaltoonni magaalaa Finfinnee dhimma kana hubatan maallaqa walitti buusuun Konkolaataa D4D bitanii kan gumaachaniif tahuu beekame. Guyyaa hardhaa Sagantaa Hoteela Ummaatti geggeeffame irratti, Dr Jeylaan makiinaa fi maallaqa birri 310,000 badhaafamanii jiru.
Daldaltoonni muraasni makiinaa kana bituuf birrii miiliyoona tokkoo fi 810,000 kan walitti buusan yoo tahu, abbaan dhaabbata Konkolaataa gurguruu makiinichi kan Dr Jeylan tahuu eegaa hubatee booda, birrii 310,000 kan hir’ise tahuu ibsame. Haaluma kanaan maallaqni hafe lakkoofsa herrega baankii Dr Jeylaan Khadiir irratti galfamuu odeeyfannoon ni addeessa.
mashaa’allh tabaarakallah rabbi isinirra haa jaallatu
Aswrb Akkam jirtan maashaalah Rabbiin isinirraa hajaalatu
Mashaa Allah rabbiin umuriisanii nuf hadheresuu jerra kana badhasanis rabbiin jenatulfirdosiin jerra habadhasuu
mashaa allah
Masha Allah