Haleellaa shororkeessitoonni kaleessaa Niiw Ziilaand keessatti muslimoota irratti raawwataniin namoonni 49 ajjeefamuun 40 ol ammoo madaayaniiru. Turkiyaa dabalatee biyyoonni muslimaa heddu ajjechaa sukkanneessaa kana kan balaaleffatan yoo tahu, dabalataanis mootummaan Turkiyaa har’a itti aanaa prezdaantii biyyattii fi ministeera haajaa alaa gara Niiw Ziilaand erguu gabaafame.
Itti aanaan prezdaantii Turkiyaa Fuat Oktay gara Niiw Ziiland osoo hin imalin dura buufata Xiyyaara Istaanbulitti ibsa kenneen, “haleellaan shororkeessitoonni Niiw Ziilaandatti muslimoota irratti raawwatan jibbiinsi Islaamummaa babal’ataa dhufuu kan mul’isu waan taheef, biyyoonni addunyaa hundi jibbiinsa Islaamummaa kana ifatti akka balaaleffatan ni gaafanna” jedhe.
Shororkeessitoota ajjeechaa kana raawwatan keessaa tokko kanaan dura yeroo lama gara Turkiyaa fi biyyoota Balkan imaluu eega gabaafamee booda, mootummaan Turkiyaa dhimmicha irratti gad fageenyaan qorannoo jalqabuu beeksisee jira.
Ajjeechaa kaleessa masjiidota lama keessatti raawwatame kanaan wal qabatee nammoonni sadi too’annaa jala kan oolan yoo tahu, namtichi haleellaa kana addadurummaan qindeessuun raawwate jibbiinsa Islaamummaaf qabu Sanadii Irbuu (manifeestoo) fuula 70 irratti addeesseera. Barreeffama isaa kana keessatti muslimoota irratti haleellaa raawwachuu, addatti ammoo Turkiyaa diiguudhaaf kan karoorfate tahuu ibse. Akkasumas shororkeessaan kun Prezdaantii Ameerikaa kan dinqisiifatu akka taheefi, ool’aantummaa ummata adii addunyaarratti mirkaneessuudhaaf adeemsa Donaald Traampiin kan oonnate tahuu hime.
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…
Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…
Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…
Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…
Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…