header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Balaa lolaa Indooneezhiyaa  keessatti muudateen lubbuun nama 58 dabruu gabaafame

Rooba cimaa Indooneezhiyaa keessatti roobaa jiru hordofuun, balaa lolaa baha biyyattii kutaa Papuwaa keessatti muudateen namoonni  58 ol kan du’an yoo tahu, qabeenyi heddus lolaan kan barbadaaye tahuu gabaafame.

 

Hojjatoonni ittisa balaa biyyattii akka jedhanitti,   iddoowwan seenuuf rakkisaa tahan heddu akka jiraniifi, lakkoofsi namoota du’aaniis kan caala dabaluu mala soda jedhu kan qaban tahuu ibsan. Dabalataanis sigiiga laafaa  fi mukkeen kufuun daandiiwwan  akka cufamanii  fi akkasumas riqichi bakka heddutti waan cabeef tattaaffii lubbuu baraaruu irratti danqaa kan uume tahuu himan.

 

Balaa kanaan jiraattonni naannichaa 4000 ol manneen isaanii irraa buqqa’anii buufataalee gara garaa keessatti  qubsiifamuu gabaafame. Indooneezhiyaa keessatti balaan lolaa yeroo heddu kan muudatu yoo tahu, January dabre balaa lolaa kutaa Silawaasii jedhamtu keessatti muudateen yoo xiqqaate namoonni  70 ol du’uun ni yaadatama.

Balaa lolaa Paapuwa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button