Sirni yaadannoo muslimoota Jum’aa dabre Niiw Ziilaand keessatti ajjeefamanii geggeeffame
Mootummaan Niiw Ziilaand sirni yaadannoo muslimoota torbee dabre ajjeefamanii guutuu biyyattii keessatti akka geggeeffamu murtii dabarse hordofuun, Jum’aa har’aa guutuu biyyattii keessatti sirnichi geggeeffamee jira.
Keessummattuu sirna yaadannoo kana sababeefachuun muslimoonni magaalaa Kiraayist Charch paarkii magaalattiitti salaata jum’aa raawwatanii jiru. Muummittii ministeera Niiw Ziilaand Jasinda Arden, qondaaltota biyyatti, lammiileen Niiw Ziilaand fi keessumoonni biyyoota gara garaa irraa dhufan sirna yaadannoo kana irratti hirmaatanii jiru.
Akkaatuma ajaja muummittiin ministeera biyyattii dheengadda dabarsiteen, Azaanni Jum’aa har’aa Raadiyoo fi Televiziyoonaan kan dabre yoo tahu, salaatni jum’aa fi sirni yaadannoo kun miidiyaalee Idil Addnuyaa hedduun kallattiin dabree jira. Dubartoonni Niiw Ziilaand heddu hijaaba uffachuun kabajaa muslimootaaf qaban agarsiisanii jiru.
Dabalataanis mootummaan Niiw Ziilaand guyyaa kaleessaa namoonni dhuunfatti meeshaa waraana gurguddaa akka hin qabanne kan labse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Assalaamu’aaleykum Woraahmatullaahi Wobarakaatu Hojiin Keessan Baay’ee Gaariidha rabbin Isinirraa Hajaalatu Jzk
Assalaamu’aaleykum Woraahmatullaahi Wobarakaatu Hojiin Keessan Baay’ee Gaariidha rabbin Isinirraa Hajaalatu Jzk
Assalaamu’aaleykum Woraahmatullaahi Wobarakaatu Hojiin Keessan Baay’ee Gaariidha rabbin Isinirraa Hajaalatu Jzk
Yaa RABBI akkanumatti Muslima kabaja itti godhi
kaan du,eef raabiin jaanataa haa galchuu kaan jiruu raabiin nuu haa tiksuu