header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Islaamaa Istanbul keessatti walgahii ariifachiisaa geggeessaa jira

Gamtichi wal gahii ariifachiisaa kana kan yaame haleellaa torbee dabre Niiw Ziilaand keessatti muslimoota irratti raawwatame ilaalchisee mari’achuuf yoo tahu, dhaabbileen idil addunyaa kanneen akka UN,  akkasumas Niiw Ziilaand dabalatee biyyoonni miseensa gamtichaa hin tahin wal gahicha irratti kan hirmaataa jiran tahuu gabaafame.

 

Barreessaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa Yuusuf Al-Uteeymin,  biyyoonni miseensa gamtichaa hundi jibbiinsa Islaamummaa babal’ataa dhufe qolachuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban hime. Mr Al-Uteeymin akka jedhetti, “hoggantoonni biyyoota lixaa gochaa fi haasaya jibbiinsa Islaamummaa irraa akka of qusatanii fi rakkoo kana furuuf hujii qabatamaa akka jalqaban kallattiin hubachiisuu qabna”jedhe.

 

Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa Mavlut kavusoglu gama isaatiin, maddi haleellaa shororkaa muslimoota irratti raawwatame kanaa,  haasaya jibbiinsaa miidiyaalee fi hoggantoonni siyaasaa biyyoota lixaa Islaamummaa irratti geggeessaa jiraniin kan wal qabatu tahuu dubbate.

 

Prezdaant Rajaba Xiyyib Erdogaan ammoo, mootummaa fi Ummanni Niiw Ziilaand haala hamaa kana keessa muslimoota biyyattii cinaa dhaabbachuu isaaniitiif galata galchee jira.  Erdogan akka jedhetti, mootummaan Niiw Ziilaand fi muummittiin ministeeraa Jasinda Arden  sochii hatattaamaa fi murtiiwwan jajjaboo fudhataniif Turkiyaa fi  Gamtaan Biyyoota Islaamaa kan dinqisiifatan tahuu hime.  Keessumattuu hoggansi muummittiin ministeera Niiw Ziiland balaa kana hordofuun kennite addunyaa guutuuf fakkeenya tahuu qaba jedhe.

 

Ministeera haajaa alaa fi Itti aanaan muummitti ministeera Niiw Ziilaand hirmaattota wal gahichaatiif haasaya godheen, “haleellaan muslimoota biyya keenyaa irratti raawwatame kun haleellaa lammiilee Niiw Ziilaand hunda keenya irratti raawwatame”jechuun ibse.

Gamtichi xumura wal gahii kanaa irratti haala jibbiinsa Islaamummaa qolachuun danda’amu irratti murtiiwwan ni dabarsa jedhamee eeggama.

Oic1

 

 

6 Comments

  1. MAASHA ALLAH
    MAASHA ALLAH
    MAASHA ALLAH

    Qophiin keessan baay’ee namatti tola.
    odeeffannoo nuuf kennatanuufis galatoomaa
    jazaakumullahu khayren

  2. Maasha alla maasha alla maasha alla amallee rabbii irrati haa cimsuu diini islaama rabbii haa tiksu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button