Odeeyfannoo
Haleellaa Israa’el Gazzaa keessatti raawwataa jirtuun namoonni madaahuu fi gamoowwan heddu barbadaayuu gabaafame

Israa’el haleellaa halkan edaa Gazzaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni torba madaahuu qondaltonni Falasxiin beeksisan. Dabalataanis waajjira hogganaa garee Hamaas dabalatee manneen jireenyaa heddu haleellaa kanaan barbadaayanii jiru.
Haleellaa Israa’el kana hordofuun hidhattoonni Falasxiin rokkeetota gara Israa’el kan dhukaasan yoo tahu, Israa’el ammoo waraana lafoo taankiin deeggaramu gara daangaa Gazzaa dhiheessitee jirti. Ganama har’aa Jaarsummaa mootummaa Masriitiin gamni lamaanuu dhukaasa dhaabuuf walii galuu eega gabaafamee booda, Israa’el haleellaa xiyyaaraan raawwattu addaan kuttee jirti. Haata’u malee loltoonni Israa’el fi hidhattoonni Falasxiin daangaa irratti walitti dhukaasuu gabaafame.