header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Oromiyaa magaalotaa gara garaa keessatti hawaasni muslimaa hoggantoota majliisaa balaaleffatuun mormii geggeesse

Har’a salaata jum’aa booda godinaalee Harargee lamaanii, Godina , Jimmaa fi Godina Arsii magaalotaa gara garaa keessatto hawaasni muslimaa mormii cimaa kan geggeesse yoo tahu, majliisni seeraan alaa tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf shira xaxaa jiru akka dhaabu jechuun gaafatan. Dabalataanis majliisni seeraan alaa kana booda hatattamaan dhimma hawaasa muslimaa keessaa akka bahuu fi filannoon hoggantoota majliisa hatattamaan akka geggeeffamu gaafatanii jiru.

 

Magaalotaa mormiin keessatti geggeeffame jidduu, Ciroo, Harar, Malkaa Raafuu, Baddeeysaa, Dannab Guddoo, Jimmaa fi kombolchi keessatti argamu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button