header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Haaruu Magaalaa Jiituutti Konfiransiin guddaan geggeeffame

Kaayyoon Konfiransii kanaa ijaarsa masjiida Al-Nuur kan yeroo dheeraa dura jalqabamee dhaabbate xumursiisuuf galii walitti qabuu yoo tahu, hawaasni muslimaa magaalaa Jiituu fi naannawa isii akkasumas Ulamaa’onni fi Ustaazonni godina Wallaggaa lixaa aanaalee gara garaa irraa dhufan kan irratti hirmaatan tahuu beekameera.

 

Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu Sheikh Huseen Kadir Magaalaa Gimbii irraa, Sheik Ahmad Ganjii Magaalaa Ganjii irraa akkasumas keessumoonni birootis keessatti argaman.

 

Hawaasni Muslimaa sagantaa kana irratti hirmaates ijaarsa masjiida kana xumursiisuuf birrii Miliyoona tokko ol walitti qabuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button