header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa magaalota gara garaa keessatti majliisa seeraan alaa balaleeffatuun hiriira geggeesse

Majliisa seeraan alaa irratti hawaasni Muslimaa mormii jalqabe har’as Jum’aa 3ffaaf kan itti fufee oole yoo tahu,  har’a salaata Jum’aa booda magaalota heddu keessatti hawaasni muslimaa dhaadannoo gara garaa dhageessisuun hoggantoota majliisaa balaleeffatee jira. Ummanni magaalaa Jimmaa dhaadannoo “majliisni bakka nu hin bu’u”jedhu dhageessisaa gara waajjira majliisa godinichaa osoo deemaa jiru,tarkaafii humnaa poolisoonni fudhataniin namoonni muraasni kan miidhaman tahuu beekamee jira.

 

Hata’u malee ummanni hanga filannoon majliisaa haqa qabeessi geggeeffamutti waajjirri majliisa seeraan alaa haa cufamu jechuun mormuu isaatiin, waajjirri majliisichaa qaamolee mootummaatiin kan cufame tahuu beekameera. Haaluma walfakkaatuun achuma godina Jimmaatti ummanni magaalaa Aggaarootis dhaadannoo adda addaa dhageessisuun hoggantoota majliisa seeraan alaa irratti mormii geggeessuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Godina Baalee Magaalaa Roobeetis hiriirri mormii cimaan salaata Jum’aa booda geggeeffamuun beekameera.

4 Comments

  1. السلام عليكم ورحمةالله وبركاته ياجماعة كيف تسير الأمور أهي على مايرام والله معكم أينما كنتم

  2. As wr wb akkam nagaa jirtu mati Nuural huda ani fayyaa koti sagantaan tv nuural hudaa bayye namatti tola garuu sa’a odeefanno adunyaa itti dhiheesita hin qabdan kun maliif nuti guyya guyyaan wan adduniyaa keessa olte isin irraa dhagahu feena amas ammoo yeroon qophii tafakur nuf haa ida ‘amu Galatooma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button