header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Lammiilee Suudaan fonqolcha mootummaa waraanni biyyattii raawwate diduun mormii kan itti fufan tahuu gabaafame

Qondaaltonni waraana Suudaan guyyaa kaleessaa prezdaantii biyyattii waggaa dheeraa taayitaa irra ture fonqolchuun, biyyattiin waggaa lamaan itti aananiif too’annaa mana marii waraanaa Jeneraal Awad Ibn Awufiin hogganamu jala kan turtu tahuu labsan. Haata’u malee lammiileen biyyattii prezdaant Umar Al- Bashiir fi qondaaltonni mootummaa isaa hundi akka taayitaa gad dhiisan gaafataa turan, fonqolcha mootummaa waraanni biyyattii raawwate kana mormaa jiran.

 

Qindeessitoonni mormii ji’a shan dura jalqabame kanaa,  warraaqsi ummata Suudaan qondaaltota waraanaatiin kan butame tahuu ibsuun, ammas hanga humnoonni siviilii taayitaa qabatanitti mormiin ummataa kan itti fufu tahuu beeksisan. Haaluma kanaan waldaan ogeeyyotaa mormii kana qindeessaa ture,  labsii yeroo muddamaa manni marii waraanaa dabrse cabsuun ummanni diddaa akka agarsiisuu waamicha godhe.

DhaabbiIee fi biyyoonni heddu fonqolcha mootummaa Suudaan kana hordofuun ejjannoo isaanii kan ibsaa jiran yoo tahu,  Gamtaan Afrikaa, “gaaffii ummataatiif deebisaan heera biyyattii diiguu miti”jechuun fonqolcha mootummaa Suudaan kana balaaleffatee jira.  Barreessaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutarees ammoo, “fedhii sirna dimokrasii ummanni Suudaan gaafataa jiru galmaan gahuudhaaf, mootummaan cehumsaa qaamota hunda hammatu akka hundeeffamu”waamicha dabarse. Haaluma wal fakkaatuun Ameerikaa fi Gamtaan Awrooppaatis mootummaan cehumsaa siviilotaan hogganamu akka hundeeffamu gaafatanii jiru.

 

Gama biraatiin ammoo mootummaan Masri , waraanni Suudaan cehumsa kana dandeettii ol’aanaan ni geggeessa abdii jedhu kan qabu tahuu ibsuun, Masri deeggarsa barbaachisaa tahe hunda kan kennitu tahuu beeksiste. Ityoophiyaan gama isiitiin, fedhii ummata Suudaan  kan kabajju akka taheefi, akkasumas dhimma biyyoota olla keessa kan hin seenne tahus haala Suudaan keessatti adeemaa jiru hunda garuu itti dhiheenyaan kan hordoftu tahuu ibsite.

 

2 Comments

  1. As.wr.wb Akkam jirtan warra Tv Nuuralhudaa nagaha jirtuu, sochiin isin diinii Islaamummaa barsiisuuf taasiftan baayyee Namatti tola kanumaan itti fufaa, keessattuu kan baayyee natti tole, daaw’aa isin gootan gabaabaa fi namni salphaatti qabatee hojii irra akka oolchu gargaara. Rabbiin umrii dheeraa isiniif haa kennu. Wassalaamu Aleeykum warahmatullaahi wabarakaatu.

    Reedwaan Waliyyii Magaalaa Dodolaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button