AfrikaaOdeeyfannoo
Prezdaantiin Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir gara mana hidhaa guddicha biyyattiitti kan dabarfame tahuu gabaafame

Prezdaant Umar Al Bashiir eega torbee dabre waraana biyyattiitiin taayitaa irraa fonqolchamee booda mana jireenyaa keessatti too’annaa cimaa jala kan ture yoo tahu, amma ammoo gara mana hidhaa Kobar jedhamuutti kan dabarfame tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.
Manguddoon waggaa 75 Umar Hasan Al Bashiir bara 1989 fonqolcha mootummaatiin taayitaa qabatee waggaa soddomaaf Suudaan kan bulche yoo tahu, duguuggaa sanyii naannoo Darfur keessatti raawwatameen wal qabatee Mana Murtii Addunyaa (ICC)tti himannaan kan irratti banamee ture tahuun ni beekama.