OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Paarlaaamaan Ityoophiyaa muudama ministeerota Sadi raggaasise

Prezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa Ministeera Ittisa Biyyaa tahuun muudame. Ministeerri Ittisaa duraanii Aadde A’ishaa Muhammad ministeera Ijaarsa Misooma Maneenii tahuun yoo muudamtu, Obbo Gadduu Andaargaachoo ammoo Ministeera Haajaa Alaa tahuun muudame.
Gama birootiin ammoo hanga ammaatti namni Obbo Lammaa Magarsaa bakka bu’uun naannoo Oromiyaa hogganu hin beekamne.