header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Hawaasni Muslimaa Godina Harargee Bahaa hoggantoota Majliisa seeraan alaa kaasuun, hoggantoota ofii isaa filate

Godina Harargee Bahaa magaalaa Hararitti guyyaa kaleessa iddoo bakka bu’oonni hawaasa aanaalee godinicha adda adda irra dhufan fi Ulama’oonni gurguddoon godinicha argamanitti hawaasni muslimaa hoggantoota majliisa seeraa alaa aangoo irra kaasuun kan ofii kan filate tahuu gabaafame.

Filannoo geggeeffame kana irratti, bakka bu’oonni fi Ulama’oonni hawaasa aanaalee 20 fi magaaloota 4, Baabilllee, Awwaday , Dadarii fi Haramayaa irra dhufan kan hirmaatan yoo tahu, Sadarkaa godinaatti koree 7 kan filatani tahuu beekameera.

Koreen dhiimma Islaamaa filaataman kuniin Ulama’ootaa fi hawaasa sadarkaa garagaraa of jalaatti hammate tahuus odeeyfannoo ni addeessa.
Namoonni Filaaman kunniin
Sheikh Umar Isma’iil magaalaa Harar irraa dura bu’a.
Sheikh Abdulsabur Muhammad Abdallah Itti aanaa Aanaa Kombolchaa irra
Sheikh Zakiir Abdulkariim Barreessaa Aana Haroomaayaa irra

Sheikh Abdulsalam Muhammad Miseensa Aanaa Faddis irra
Sheikh Ibrahim Muktaar miseensa Dadar irra

Sheikh Muhsiin Ahmad aanaa Baabilllee irra miseensa tahuu filatamaniiru.

Ulama’oota gurguddoo Filannoo kana irratti argaman jidduu

1. Sheikh Aadam Tuulaa
2.Sheikh Mussaa Su’alaa
3.Sheikh Hassan Khombolchaa
4.Sheikh Aliyyii Faldhaanaa
5.Sheikh Usmaan Durrii
6.Sheikh Jamaal Haajii kaneen biroottis jiraatu maddeen nuuf gabaasaan.

Haaluma wal fakkaatuun, hawaasni muslimaa Godina Arsii Lixaatis hoggantoota majliisaa mataa ofii filachuuf kan qophaayaa jiru tahuun beekamee jira.
IMG_20190418_204148_531

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button