header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa kora Arba’aa boruu gaggeeffamuuf qophii xumuruu beeksiise

Koreen jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaa ji’a 9 dura Mummicha ministera Dr Abiy Ahmadiin hundeeffame, torbee dabre hojii haga hardhaatti hojjataa ture ilaalchisee miidiyaaf ibsa kennuun ni yaadatama. Ibsa torbee darbe irratti korri Ulamaa’otaa fi hayyoonni akkasumas muummicha ministeeraa dabalatee qondaaltonni mootummaa irratti hirmaatan Ebla 23/2011 Hoteela Sharaatanitti kan geggeeffamu tahuu ibsame. Haaluma kanaan kora kana milkiin xumuruuf qophiin barbaachisu hundi kan xumurame tahuu  itti gaafatamaan Sab qunnamtii koree kanaa Ustaaz Kaamil Shamsuu beeksise.

 

Kora guyyaa boru geggeeffamu kana irratti namoonni 150 koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaatiin waamichi godhameef, akkasumas namoonni 150 kanneen Majliisa seeraan alaatiin yaamaman ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Gama birootiin ammoo hoggantoonni majliisa seeraan alaa namoota  100 naannolee gara garaa irraa, nama 50 immoo imaamota masjiidaa, hoggantoota Majliisaa fi Waldaa Barnoota Islaamaa fi markaza Ahabaashotaa magaalaa Finfinnee irraa kan qopheessan tahuu odeeyfannoon maddeen irraa nu gahe ni addeessa. Hoggantoonni Majliisa seeraan alaa garuu maqaa namoota hirmaatanii hanga ammaatti koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa muslimaatiif kan hin dhiheessin tahuu beekameera.

Kora Boruu1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button