Yuunivarsitii Jimmaatti Bulchiinsi Mooraa Institiyuutii Teknolojii gaaffii barattoonni Muslimaa dhiheessaniif guyyaa sadii booda deebisaa kennuuf beellame

Barattoonni Muslimaa Yuunivarsitii Jimmaa Kaampaasii institiyuutii Teeknolojii torban dabre irraa kaase, gaaffiiwwan iddoon nyaata barattootaa akka sirreeffamu, akkasumas ji’a Ramadaanaa nyaanni Suhuuraa akkuma Yuunivarsitoota biro keessatti qophaa’utti akka nuuf mijaa’u jechuun gaafatanii turan. Haatahu malee gaaffiin barattoota muslimaa kun deebisaa dhabuun, barattoonni guyyoota shanan dabran mormii fi lagannaa nyaataa kan geggeessaa turan tahuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa hardhaa immoo Bulchiinsi Yunivarsitichaa abbootii Amantaa fi abbootii Gadaa waliin tahuun barattoota muslimaa waliin marii eega geggeessanii booda, bulchiinsi Yunivarsiitii gaaffii barattootaa kana guyyaa sadi booda deebisaa keennuuf kan waadaa gale tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Haaluma kanaan barattoonnis yeroodhaaf lagannaa nyaataa jalqaban addaan kutuun, deebisaa bulchiinsaa eeggatuuf kan walii galan tahuu barataan Yunivarsitiichaa bilbilaan dubbisne nuuf hime. Akkaatuma marii guyyaa hardhaa kanaan barattoonni hanga deebisaa argatanitti nyaata Ifxaaraa Yunivarsiticha irraa fayyadamuun, nyaata Suhuuraa immoo alaa fayyadamuuf kan walii galan tahuu barataan kun nuuf ibse.