header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Haroo Dumaalitti mata duree  Araaraa fi Walitti dhufeenya jedhuun Konfiransiin guddaan geggeeffame

Konfiransiin kun dargaggoota Muslimaa godina Baalee magaalaa Haroo Dumaalitiin kan qophaa’e yoo ta’u, kaayyoon isaa rakkoo hawaasa jidduu ture hiikuu, walitti dhufeenya Ulamaa’ota godina Baalee cimsuu fi tokkummaa Ulamaa’otaa jabeessuu irratti dhaamsa walii dabarsuuf tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Sagantaa kana irratti Ulamaa’oonni fi keeysummoonni iddoo gara garaa irraa dhufan gorsa babbareedaa ummataa dabarsaniiru. Ummannis wal-dhabbii fi mufannaa jidduu isaa jiru dhiifama waliif godhuun tokkummaan misoomaa fi nageenya biyyaatiif waliin hojjatuuf kan walii galan tahuu hirmaattota irraa namni dubbisne nuuf hime.

 

Ulamaa’otaa fi keeysummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:

Sheikh Waliyyii Aloo- Roobee Baalee irraa

Sheikh Aadam Tafsiiraa- Roobee Baalee irraa

Ustaaz Ibsaa Hasan- Roobee Baalee irraa

Sheikh A/Shakuur Aalima halqaa ilmii barsiisan

Sheikh Mahmuud Mirqaanaa (barbaree)- Aalima halqaa ilmii barsiisan, akkasumas bakka bu’oonni miidiyaa Nuuralhudaatis  kan argaman tahuu beekameera.

Haroo Dumaal1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button