Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ijaarsa Seeraan alaa magaalatti keessatti babal’ate diiguuf qophii xumuruu beeksise
Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa dhimmicharratti guyyaa har’aa qaamolee nageenyaa waliin kan mari’ate yoo tahu, lammiileen kutaalee magaalaa Shan keessatti ijaarsa seeraan alaa raawwatan, torbee 2 keessatti diiganii qabeenya isaanii akka kaafatan akeekkachiise.
Injinar Taakkalaan akka jedhetti , namoonni ijaarsa seeraan alaa raawwatan torbaan alamaan keessatti qabeenya isaanii yoo kan hin kaafne tahe, bulchiinsi magaalattii qaamolee nageenyaa waliin tarkaanfii kan fudhatu ta’uu ibse. Dabalataanis hoggansaa fi qaamni mootummaa ijaarsa seeraan alaa kana keessatti hirmaate seeranis kan gaafatamu tahuu ibsame.
Kutaaleen magaalattii Ijaarsi seeran alaa keessatti babal’achuu ibsame shanan, kutaa Boolee, Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silk Laaftoo, Gullallee fi Yakkaa tahuun beekameera.
maashall gaariidha!
maashaa allah nuuti tolee
!
jabadha