header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Muummittiin Ministeera Briteen Tarezaa Meey taayitaa gad lakkisuuf qophaayaa jiraachuu beeksiste

Tarezaa Meey ibsa guyyaa har’aa kenniteen, June 7/2019 taayitaa isii kan gadi lakkiftu tahuu beeksiste. Miss Meey akka jetteetti, sochii Briteen gamtaa Awrooppaa keessaa bahuudhaaf murteessite raawwachiisuu dadhabuun isii taayitaa lakkisuuf sababa tahuu himte. Ummanni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin kan murteesse tahus, bulchiinsi Tarezaa Meey murtii kana raawwachisuudhaaf deeggarsa Paarlaamaa biyyattii dhabuun kan rakkataa ture tahuun ni beekama.

Paartiin Briteen bulchaa jiru Conservative Party jedhamu, nama Miss Meey bakka bu’uun biyyattii bulchu filachuudhaaf gamanumaa sochii kan jalqabe tahuu gabaasni BBC ni mul’isa.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button