Qondaalli naannoo Somaalee duraanii tokko Somaaliyaa keessatti qabamee Ityoophiyaaf dabarfamee kan kenname tahuu beekame
Itti gaafatamaan mana hidhaa Jeel Ogaadeen kan duraanii Koloneel Hasan Ismaa’il Ibraahim Somaaliyaa keessatti qabamee ityoophiyaaf kan kenname yoo tahu, humnoonni tika Ityoophiyaa har’a waaree boodaa gara Jigjigaatti kan geessan tahuu BBC’n gabaase. Akka gabaasa kanaatti Koloneel Hasan magaalaa Somaaliyaa daangaa Ityoophiyaa irratti argamtu tan Goldagob jedhamtu keessatti qabame.
Hasan Ibrahiim qondaaltota nannoo Somaalee keessatti yakka dhala namaa hamaa raawwachuun himataman keessaa tokko yoo tahu, keessattuu mana hidhaa Jeel Ogaadeen keessatti hidhamtoota irratti nama dararaa hamaa raawwataaa ture tahuu Abbaan alangaa himannaa kanaan dura bane irratti ibsee jira. Koloneel Hasan yeroo gara garaatti naannichatti waajjiraalee heddu kan hooggane yoo tahu, itti gaafatamaa basaasaa akkasumas liyyuu poolisii naannichaa keessatti Koloneela akka ture odeeyfannoon ni mul’isa.
Prezdantii naannoo Somaalee duraanii Abdii Umar dabalatee qondaaltonni 40 ol yakka mirga namoomaa sarbuutiin himatamanii hidhaa irra kan jiran tahuun ni beekama. Himannaan qondaaltota naannichaa irratti baname kun mana murtii Federaalaatti ilaalamaa kan jiru waan taheef, Koloneel Hasan Ibraahimis Jigjigaa irraa gara Finfinneetti kan ergamu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Rabbiin nama nama miidhe yeroo isaa beellametti isa salphisa. Warra ilmoo namaatti miidhaa geessan hunda bakka jirtutti isaan haa qabu.Yakkamtoonni Oromiyaa keessa jiranis haa qabaman!
alhamdulillaah summa alhamdulillaah ta haftellee haa qabamtu bineeyyiin