Hogganaan Mana Marii Ce’umsaa Waraanaa Suudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al Burhaan Finfinnee seene
Jilli mana marii waraana Suudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al Burhaaniin hogganamu har’a waaree booda buufata Xiyyaaraa Boolee yeroo ga’etti, Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamil fi qondaaltota ministeera haajaa alaatiin kan simatame tahuu FBC’n gabaase.
Waraanni Suudaan March11/2019 prezdaantii biyyattii duraanii Umar Al-Bashiir fonqolchuun taayitaa eega qabatee booda, Jeneraal Abdul Fattaah Al Burhaan itti gaafatamaa mana marii waraanaa kan lammataa tahuun muudamuun isaa ni beekama.
Lammiileen Suudaan labsii waraanni biyyattii hanga filannoon geggeeffamutti waggaa lamaaf biyya bulchuuf baase mormuun, mootummaan ce’umsaa Siviilotaan hogganamu akka hundaayu gaafataa jiraachuun ni yaadatama. Haa ta’u malee waraanni biyyattiitii fi gamtaan mormitootaa mariin geggeessaa turan hanga ammaatti hin milkoofne.