header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa, UNHCR, baqattoota muraasa Liibiyaa keessaa baasuu beeksise

UNHCR ibsa baaseen akka jedhetti, baqattoota lammiilee biyyoota Baha Afrikaa  lola Liibiyaa keessatti adeemaa jiruun wal qabatee, magaalaa Triipoolii keessatti danqamanii turan jidduu muraasa gara Xaaliyaan kan geesse tahuu beeksise. Baqattoonni kunniin lammiilee Eertiraa, Somaaliyaa, Suudaanii fi Itiyoophiyaa yoo ta’an,  kanneen keessaa 65 daa’imman tahuu ibsame.

 

UNHCR akka jedhutti, baqattoonni kunniin baatii hedduuf manneen hidhaa Liibiyaa keessatti ugguramanii dararamaa kan turan akka taheefi, hedduun isaanii hanqina nyaataatiin kan miidhaman tahuu ibse.

 

Baqattoonni kunniin yeroo ammaa wiirtuu baqattootaa qarqara magaalaa Room keessa kan qubsiifaman tahuu odeeyfannoon ni ibsa.

 

 

10 Comments

  1. ooddu etv.yeroo dubbistan dhangaa hasawaa nama dandahuu nuuf godha.guyyan guyyanitti wanta haaraa tahe hundaa nuuf gaabasaa.seenaarra,weildlife,namoot bekkamoo Aduunyaaf waan buaa qabuu nuuf guumchan, bakka seena qabbeesa tahan,uumaa adda kenna,videoodhan barrefaman,fakkidhan,saggaleedhan dhiheesa.Nuurlli hudda

  2. baguma Rabbiin yaaddoo fi rakkoo san keessaa baase baqattoota biyya yamanii keessa jiraniifis Rabbi haa birmatu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button