header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Waraanni Suudaan tarkaanfii humnaa mormitoota irratti fudhateen yoo xiqqaate nammoonni 100 ol ajjeefaman

Waraanni Suudaan March11/2019 prezdaantii biyyattii duraanii Umar Al-Bashiir fonqolchuun taayitaa eega qabatee booda, hanga filannoon geggeeffamutti waggaa lamaaf biyya bulchuuf labsii baase. Lammiileen Suudaan labsii kana mormuun mootummaan ce’umsaa Siviilotaan hogganamu akka hundaayu gaafataa jiraachuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee waraanni biyyattiitii fi gamtaan mormitootaa mariin geggeessaa turan kan hin milkaahin yoo tahu, mormitoonni waajjira ol’aanaa waraana biyyattii fuulduratti buufata mormii hundeessuun mormii isaanii itti fufan. Kanuma hordofuun humnoonni tika biyyattii kaampii mormiitootaa kana diiguudhaaf, Isniina dabre irraa eeggalee magaalaa Kaartuum keessatti tarkaanfii humnaa fudhataa jiraniin yoo xiqqaate namoonni 100 kan ajjeeffaman tahuu waldaan ogeeyyota fayyaa biyyattii beeksise. Namoota ajjeeffaman jidduu 40 ol reeffi isaanii Laga Naayil keessatti kan argame tahuu gabaasaaleen ni mul’isu.

FB_IMG_1559763873763

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button