header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Harargee Lixaatti Dubartoonni 3 Dahanii Qormaata Biyyoolessaa fudhataa jiran

Haawwaliin sadeen Barattoota kutaa 10ffaa qormaata bara kanaatiif qophaa’aa turan yoo tahu, Sagantaan qormaata Biyyooleessa kutaa 10ffaa guyyaa isaan dahaniin wal irra bu’uun mana yaalaatti qormaata fudhataa jiraatu odeeyfannoon Waajjira dhimmoota Kominikeeshiinii godina Harargee lixaa irraa argame ni addeessa.

Dubartoota sadeen keessa takka lakkuu kan deesse tahuunis beekameera. Itti gaafatamtuun Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Aaddee Magartuu Muhammad,  iddoo (Buufata) Mannen barnoota qormaanni itti kennamaa jiru 51 keessaa sadi(3) :Ciroo Golaa, Carcar fi Doobbaa keessatti  dubartoonni dahanii haalli mijaaweefii nagayaan qormaata fudhataa kan jiran tahuu himte.

2 Comments

  1. saganttaan keessan bareeda garu yeroo salata osoo nashidaa galchitanii danssaa taha. dhifamaan waliin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button