header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Finciltoonni Huusii buufata Xiyyaara Sa’uudii irratti raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 26 madaayan

Dubbi himaan Gamtaa Waraana Arabaa Koloneel Turki Al-Maliki ejensii odeeyfannoo Sa’uudiitiif akka ibsetti, finciltoonni Huusii Kibba Baha Saa’uudii buufata xiyyaara Abhaa irratti ganama har’aa haleellaa rokkeetiin raawwataniin,  yoo xiqqaate imaltoonni 26 madaayuu beeksise.

 

Koloneel Turki Al-Malikii akka jedhetti , namoonni madaayan lammiilee biyyoota hedduu yoo tahan,  dubartoonni lammiilee Sa’uudii, Yaman fi Indiyaa tahan sadi (3) fi daa’immaan Sa’uudii lama keessatti argamu. Akka gabaasa kanaatti, namoota 8 miidhaan cimaan irra gaheen alatti,  namoonni miidhaan salphaan irra gahe ture hedduun, wal-dhaansi barbaachisaan eega godhameefi booda hospitaala irraa kan bahan tahuu ibsame.

 

Hidhattoonni Huusii dhiheenya kana daangaa Sa’uudii cehuun, akkasumas droonii fi rokkeetiin haleellaan Sa’uudii keessatti raawwatan kan hiddummaataa dhufe yoo tahu, Wixata dheengaddaatis rizoortii tokko misaa’elaan kan rukutan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button