header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Eertiraan Mana Maree Waraana Suudaan kan deeggartu tahuu beeksiste

Hogganaan mana maree ce’umsaa waraana Suudaan Jeneraal Abdulfattaah al-Burhaan, Jum’aa kaleessaa gara Asmaraa imaluun prezdaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin kan mari’ate yoo tahu, mootummaan Eertiraa mana maree waraanaa Sudaan kan aangoo biyyattii harkaa qabuuf deeggarsa guutuu kan kennu tahuu beeksise.

 

Marii hoggantoota lamaanii booda Ministeerri Odeeyfannoo Eertiraa ibsa baaseen akka jedhetti, dirqama ce’umsa egalame galmaan gahuu itti kenname akka bahatuuf,  Eertiraan Mana Maree Ce’umsaa waraana Suudaaniif deeggarsa guutuu ni kenniti jedhe.

 

 

Mootummaan Eertiraa ibsa isaa kana irratti, Mootummaan Suudaan duraanii prezdaant Umar Al-Bashiiriin hogganamaa ture balaaleffatee jira. Prezdaant Al-Bashiir uummata Eertiraa irratti waraana labsuu isaatiin daangaan biyyoota lamaanii cufamee turuu ibsi Eeritraa kun ni addeessa.

 

 

Biyyoota Afrikaa ifatti mana maree waraana Suudaaniif deeggarsa ibsatan jidduu Masritti aanuun Eertiraan biyya lammataa yoo taatu, Prezdaant Isaayyaas Afaworqii torbee dabre gara Masri imaluun Prezdaant Abdulfattaah Al-Siisii waliin dhimmoota naannic

haa irratti kan mari’atan tahuu gabaafamee ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button