Prezdaantiin Suudaan duraanii Umar Al-Bashiir mana murtiitti dhiyaatuun gabaafame

Abbaan alangaa biyyattii prezdaant Umar Al-Bashiir malaamaltummaan kan himate yoo tahu, haaluma kanaan prezdaantichi eega April dabre taayitaa irraa fonqolchamee booda, Alhada har’aa yeroo jalqabaatiif mana murtiitti kan dhiyaate tahuu Rooyters gabaase.
Abbaan alangaa Alaa’addiin Abadallaah akka jedhetti, “prezdaantichi maallqa biyyoota alaa seeraan ala mana jireenyaa keessatti kuusuu fi karaa seeraan ala taheen biyyoota gara garaa irraa kennaa fudhachuun himatame. Haaluma kanaan har’a himannaa irratti dhihaate eega dubbifameefii booda prezdaantichi deebisaa akka kennu carraan kennameefii ture”jechuun hime. Haata’u malee Abokaatonni prezdaantichaa deebisaa osoo hin kenning mana murtiitii kan bahan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Waraanni Suudaan prezdaanticha fonqolchuun mana maree mootummaa ce’umsaa hundeessuu eega labsee booda, lammiileen biyyattii mootummaan ce’umsaa siviilotaan hogganamuu akka hundaayu gaafataa jirachuun ni beekama.