header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Droonii Ameerikaa daangaa cehuun basaasa irra turte kuffisuu beeksiste

Humni addaa waraana Iiraan IRGC jedhamu,  xiyyaara/Droonii  Ameerikaa daangaa biyyattii gama Kibbaa kutaa Hormuzgan jedhamu seenuun basaasaa turte rukutee kuffisuu beeksise. Drooniin humni waraana Iiraan kuffise tun RQ-4 Global Hawk kan jedhamtu tahuu Ejensiin Odeeyfannoo Iiraan gabaase.

 

Naannichatti dubbi himaan Waraana Ameerikaa Captain Bill Urban  “Drooniin Ameerikaa rukutame ni jiraa?”,  gaaffii jedhuuf deebisaa osoo hin kennin, “Drooniin gara daangaa Iiraan ce’e hin jiru”jechuun AP’tti hime.

Xinxaltoonni Siyaasaa akka jedhanitti, walitti gaarrifannaan Ameerikaa fi Iiraan yeroo hammaataa dhufe kanatti drooniin Ameerikaa rukutamuun yoo mirkanaahe,  baha jiddu galaa keessatti  balaa hamaa kaasuu mala jechuun ibsan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button