
Prezdaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing Kooriyaa Kaabaa daaw’ataa jira
Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un wagga sadan dabran keessa yeroo lamaa ol gara Chaayinaa imaluun Prezdaant Shii Jiin Piing waliin kan mari’ate tahus, bara 2005 asitti Prezdaantiin Chaayinaa gara Kooriyaa Kaabaa yoo imalu kun kan jalqabaati.
Hoggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu irratti, keessumattuu dhimma nuklarii fi diinagdee Kooriyaa Kaabaa irratti xiyyeeffatuun ni mari’atu jedhamee eegama.
Prezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traampii fi hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un kanaan dura yeroo lama walga’anii dhimma Niwkilarii irratti mariin godhanis walii galtee malee adda ba’uun isaanii ni yaadatama. Kanuma hordofuun Kooriyaan Kaabaa hariiroo Chaayinaa waliin qabdu daran cimsataa jirti.
Gama birootiin ammoo Prezdaant Shii Jiin Piing torbee dhuftu walga’ii biyyoota miseensa G20 Jaappaan keessatti gaggeeffamurratti, prezdaant Donald Tramp waliin mari’achuuf kan karoorfatan tahuu BBC’n gabaase.