header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad har’a galgala gara Suudaan kan imalu tahuu gabaafame

Mootummaan Ityoophiyaa wal dhabbii Suudaan keessatti uumame jaarsummaan furuuf carraaqqii jalqabuun isaa ni yaadatama.  Haaluma kanaan Dr. Abiy Ahmad June 7/2019 gara Khaartuum imaluun,  haala nageenya biyyattii irratti qondaaltota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitootaa waliin eega mari’atee booda,  Ambaasaaddar Muhammad Driir adeemsa jaarsummaa kana akka hogganuuf muuduudhaan gara  Finfinnee deebi’e.

 

Koreen dippilomaatota Ityoophiyaa Ambaasaaddar Muhammad Diriiriin durfamu qamoota biyyattii faallaa walii jiran walitti fiduun kan mariisisaa ture yoo tahu,  marii gama lamaanii irratti hundaayuun wixinee nageenyaa kan qopheesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan muummichi ministeeraa  Dr. Abiy Ahmad,  wixinee nageenyaa kana irratti qondaaltota mana marii waraana Suudaan fi gamtaa mormitootaa waliin mari’achuuf har’a galgala Khaartuum kan seenu tahuu gaazexaan Sudan Tribune gabaase.

7 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button