header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Prezdaant Traamp Iiraan rukutuuf eega ajajee booda deebisee haquu gabaafame

Iiraan Xiyyaarri (droonii) basaasa Ameerikaa daangaa kiyyaatti ce’e jechuun  kaleessa rukuttee kuffisuun eega mirkanaayee booda, Prezdaant Traamp Iiraan dogongora hamaa raawwachuu ibsuun qondaaltota waraana biyyattii waliin wal gahii ariifachiisaa geggeessee ture. Traamp qondaaltota basaasaa fi waraana Ameerikaa waliin eega mari’atee booda buufataaleen waraana Iiraan muraasni akka rukutaman ajaja dabarsee kan ture tahuu New York Times gabaase.

 

Haata’u malee markaboonni  fi xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa Khamiisa galgala haleellaa kana raawwachuuf qophii xumuraa osoo jiran, prezdaantichi ajaja dabarsee ture deebisee kan haqe tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Traamp ajaja buufataalee Iiraan rukutuuf baasee ture kana maaliif akka haqe hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button