header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Falasxiinonni Konfiransii Diinagdee Baha Jiddu Galaa Ameerikaan qopheessite balaaleffatan

Ameerikaan Konfiraansii Diinagdee Baha Jiddu Galaa irratti xiyyeeffatu Bahreeyn magalaa Manama keessatti kaleessa kan jalqabde yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin fi paartiileen Falasxiin hundi konfiransii kana sagalee tokkoon balaaleffatanii jiru. Konfiransiin Ameerikaan qopheessite kun fedhii Israa’el hunda guutuuf jecha daba Ameerikaan Falasxiin irratti geggeessaa jirtu jechuun ibsan.

 

Ameerikaan “konfiransii  karoora nageenya baha jiddu galaa deeggaru”jechuun moggaaste kanaan, diinagdee Falasxiinotaa jajjabeessuuf karoora investimentii Doolaara biiliyoona 50 qopheessuu ibsuun, biyyoonni fi dhaabbileen addunyaa akka hirmaatan gaafatte. Haata’u malee bulchiinsi Falasxiin fi paartiileen Falasxiinotaa, konfiransichi karoora Ameerikaan maqaa nageenyaatiin dachii Falasxiin guututti Israa’elii mirkaneessuuf itti qophaayaa jirtu jechuun ibsan. Itti dabaluudhaanis qabsoon Falasxiin karoora sobaatiin fi maallaqaan kan hin geeddaramne tahuu ibsan.

 

Bahreeyn gama isitiin, konfiransichi kaayyoo diinagdee Falasxiin jajjabeessuutiin alatti karoora dhoksaa hin qabu jechuun himte. Bulchiinsi Falasxiin konfiransicha irratti kan hin hirmaatin yoo tahu, Bahreeyn dabalatee Sa’uudii fi Emreets fi Masri konfiransii Ameerikaan qopheessite kana irratti kan hirmaataa jiran tahuun beekamee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button